|

Nuti hawaasni Oromoo kan magaalaa Atlaantaa jiraannu walagahii Addi Bilisummaa Orommo nuuf godhe irratti argamuun barnoota Oromummaa fi ibsa Hayyu duree ABO J/Dawud Ibsaan nuuf kenname qalbii guutuun dhaggeeffannee gaaffilee keenyaaf deebii kan arganne yommuu tahu, yaada qabnus erga gumaaachinee booda ibsa ejjennoo armaan gadii dabarfannee jirra.
1) Dhaamsa H/D ABOn nuuf kenname hojiitti hiiknee ummata keenya biyya abbaa isaa irratti salphate salphina keessaa baafnee guyyaa bilisummaa as dhiheessuuf waan nurraa eegamuun bira ni dhaabbanna.
2) Qabsoo ABOn geggeeffamtu bu'aa bahii adda addaa keessa babree sadarkaa xiqqaa irra sadarkaa amma addunyaati beekamamu gahun jabina dhaaba kanaa tahuu ni amanna, kana caalaa akka jabaatee itti fufus abdii guutuu qabana.
3) Dhaabni keenya ABO dhaaba tokkicha abdii saba keenyaaf daandii bilisummaa keenyaa isa dhugaa tahuu itti amanna. Kanaafis aggaammii diggaa keessaa fi alaan itti aggaamamu irraa jabaannee ni tikfanna.
4) Qabsoon dinagdee malee baakka akka hin geenye beeknee, dhaaba keenya dinagdeen bira dhaabbachuuf waadaa ni seenna.
5) Saamichaa fi ajjechaa, miidhaa fi cunqursaa hiriyaa hin qabne kan waggootii kudha saddeettan dabraniif saba keenya irrati kufee, ammas itti fufee jiru, kan fagootti dhageenyu utuu hin taane qaama keessa jiraatee rakkoo fi gidiraa sana dhanname irraa ragaa qabatamaan dhageenyeerra. Nuti akka sabaatti qabsoo keenya finiinsaa, miidhaa fi cunqursaa saba keenya irra gahu ammoo qaamota addunyaa fi bakkeelee jiraanutti iyyachuuf waadaa gallee jirra.
6) Mootummaan woyyaanee keessaa fi alaan happhachaa jiraachuun ifaa dha. Waan taheefuu utuu badiin kan caalu itti hin dhufin haala nagaa fi demokiraasii biyyattii irratti hojjechuun itti gaafatama seenaa jalaa akka of baasu waamicha goonaaf.
7) Jaarmoleen maqaa ummata Oromoon socho'an hojii wal diiggaa irraa dhaabbatanii gara diina walootti akka fuulleffatan waamicha lammummaa goonaaf.
8) Wal diiguu fi wal dhabbiin keessa keenyaa daana'oo jabina keenyaa ti. Waan taheefuu qabsaa'onni wal tumsuun humna waliif tahanii akka waliin qabsa'an waamicha ni goona.
9) Nuti gama keenyaan milkaa'uu qabsoo keenyaaf tumsa baarbaachisu ni goona, dhaabni keenyas qabsoo keenyatti ija gochuuf irratti akkuma waadaa nuuf galee jabaatee akka hojjetu ni gaafanna.
Injifannoo Ummata Oromoof
Gadaan Gadaa Bilisumma ti
|